29/08/2021
•Arsiin ilma Ambatoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha.
Arsiin ilmaan lama qaba: Siikkoof Mandoo.
•Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
I. Bullaala
II. Jawwii
III. Ilaani
IV. Wocalee
V. Waaji
•Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo):
I. Raayya
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu
•Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.
•Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.
•Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaaf dhugaa isaa irratti du'u. Deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe'u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju. Woyyomaaf Siiqqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa. Ka dubbii hawaasumaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa. Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaa.
•Masoon yoo kufan waan caban seeti. Nu aadaan, safuun, duudhaan teenna baddeef aarree dubbannaa,...itti Fufa...
T .K❣️
➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ