08/08/2024
Haji Roobalee Turee, nama dureessa guddaa Oromoo naannoo Arsii keessaa tokko. Haaji Roobaleen waan hedduun beekkamu. Waltajjii qabsoo oromoo keessatt seenaa qabeessa taate caamsaa bara 1966 Itayyaatti qopheessuun "qabeenyaa fi duroomni saba ifiitiif yoo hin taanee maali hiikkaan isaa?" kan jadhe soorreessa guddaa ture. Wanti waltajjii tana seenaa qabeessa taasise, seenaa qabeessa kan Oromoota lixaa fi bahaa, Musliimotaa fi Kiristaanoota walitti fiduuf waltajii haaraa tokkummaan Oromoo keessatti leellifamtu yeroo jalqabaatiif saaqan.
Haaji Robale Turee, miseensaa fi bakka bu'aa waldaa Maccaa Tuulamaa tahun namoota kuma hedduu Itayaa keessatti cayaa waldaa kana jalatti akka walitti qabaman godhuun Oromoon kallattii adda addaarraa dhufee, waldaa kana keessatti hirmaatanii akka waliin haasa'an godhuus dandaye jira. Sababa isaanii waldaan Maccaafi Tuulamaa cayaa Oromoo Kiristiyaanaa, Muslimaa, Waaqeeffataa, oromoo bahaa fi Lixaa tahuu agarsiisuun dandayamte.
Guyyaa san haasawa seenaa qabeessa Haaji Roobaleen taasise keessaa "Bishaan madda adda addaa keessaa dhangala'ee walitti dhufuun laga tokko ta’u, namoonnis walitti dhufuun saba tokko ta'u, biyya tokko tahu. Yaa Oromoo waliigaltee keenya jabeessinee biyya keenya haa ijaarru. yoo ofiin ofgargaarre malee ambi nu gargaaru hin jirtu. deeggarsa ofiin ofgargaaruuf taasisnu gar tokkootti walitti fiduun, gara biyya Oromoo ijaarachuutti cehuudha qabna..." kan ja'u dubbate ture. Haasawni Haaji Roobalee kun haasawa akkeekha qabsoo oromoo gaafasii guddaa ifkeessaa qaba ture.
Haa tahu malee yaanni qajeelfama kalalttii qabsoo Oromoo kennu kan haaji Roobalee kun hoggoontoota Maccaa Tuulamaa kan gaafasii hunda biratti osoo hin tahin garee xiqqoo keessatti qofa bakka kan argate tahe.
ITUU POST Madda Beekumsaa fi Oddeeffannoo, Daawwiitii Isa Kaleessa Keenyaa ti.
Horaa Bulaa!!
Follow godhuu Hin Dagatinaa!!