22/11/2021
Odeeffannoo Xiyyeeffannoo guddaa barbaadu
==================================
Akka odeeffannoo nu gahaa jirutti manneen hidhaa federaalaa iddoo adda Addaa jiru irraa namoota heddu halkan baasaa iddoo hin beekamne geessaa jiru. Madaan keenya
- Nadhii Gammadaa
- Dabbasaa Guyyoo
- Baqqalaa Dawwaanoo fi namoota kumaatamaan laakkawaman biroo hanga har’a hin qoorre.
Shawaa Roobiit osoo harka humnoota TDF fi WBO osoo hin seenne dura ammas hidhamtoota siyaasaa heddu mana hidhaa federaalaa fi magaalaa irraa baasanii jiru.
Ammas Akkuma Lolli Kuni itti fuufeen manneen hidhaa FINFINNEE fi Baatuu jiran Xiyyeeffannoo yoo itti kennine malee dubbiin madaan qabnu osoo qoorre madaa biraa akka nutti hin daballe of-eeggannoo cimaa gochuun nurraa eeggama.
Oromiyaan Amma booda namicha guyyaa isaa dhumee sa’aa 11ffaa jiru kana irraa ilmaan ishee Qaalii baafachuu dadhabnaan rakkoo hammana jedhee himuu him dandeenyeef saaxilamuuf deemna!