31/08/2023
Ijoolleen Bahaa Dhihaa, ijoolleen Kaabaa Kibbaa
Tokkummaadhaan qabsaa’aa, tariin dhukkubsattee
Lubbuun morma geesseettii, awwaalaf qoqophaa’aa/2/
Qabsoon waliin malee hin taatu…. ijoolleen Oromoo kallattii hundarra jirtan, tokko ta’aa walitti birmadhaa…. Wayyaaneen baduuf kaatee jirtii….. tokkummaan humnaa! tokko ta’aa! Yaada jedhu of keessaa qaba.
Surree koof shaamisii koo, mataattan boraafadhee
Dhiiga koo ishee i joollummaa /2/ bosonattan obbaafadhee
Bosona yaa qorra ishee, Ganna yaa diillalla ishee
Jajjabee jabinashee WBO kee yaa obsa shee/2/
Qabsoon waan salphaa miti. Rakkinnii fi dhiphuun dabaree namatti wal furu. Jiruun bosonaa beelaa fi dheebuudha. Ganna hurriin…., roobni…, qorri…. eenyummaa namaa jijjiiru. Akka nama kamiittuu mana taa’uu, wallaalee ykn waan nyaadhu dhabee miti. Dubbii gabrummaatu kana caalee bosonatti nu galche. Bilisummaan salphaatti akka hin dhufne beekee WBO’n obsaan ilkaan ciniinnatee Oromoof rakkina akkas dhandhamate jechuu isaa addeessa.
Ana falmataa Gadaa
Boonsaa sirna Abbaa Gadaa
Yoo Oromoon tokko ta’ee
Diinnisaa baqee badaa
Ollaan kee bilisoomtee
Alaabaashee dhaabbattee
Atis mirkaneeffachuu
Akkamittiin dagattee…..
Ilmaan Oromtichaa warra sirna Gadaa…., warra Gadaan bulu , warra guddaa, Oromoota warra nagaa mee tokko ta’aa! Yoo isin tokko taatan, diinni keessan isin hin ilaalu. Jabaadhaa diina falmadhaa. Ollaan keessan Eertiraan falmattee bilisa baatee…. Atis falmadhu. Biyya kee bilisa baafadhu…. ergaa jedhu ilmaan Oromoof dhaame.
Weedduu fi geerarsa dhaamsa ilmaan Oromoof galaa ta’u dhaame. Ummatni Oromoo akkamiin gaara injifannoo irra dhaabbachuu akka danda’u, qabsoo akkamii taasisuu akka qabu, hanqinaa fi rakkoowwan ilmaan Oromoo keessa jiru…. hunda isaa weedduun ilmaan Oromootti hime. Sirbi Eebbisaa kun sochii qabsoo ilmaan Oromoo keessatti akka motora warraaqsatti tajaajile.
Sagalee isaa akka ulullee san namni kamuu eessattuu, tasas osoo karaa adeeman, mana muuziqaattis, konkolaataa keessaas, bilbila irraayis iddoo garagaraatti yoo dhagahan hanga har’aatti kan hidhii xuuxaa imimmaan hin harcaafne hin jiru.
Irra darbees gadda humnaa oliin jeeqamee “Mee maaloo sirba kana osoon dhagahuu baadhee “ kan jedhus danuudha. Oolmaa Eebbisaan ilmaan Oromoof ooletu hin madaalamu. Abbaan mul’ataa haala akkasiin harka wayyaaneen ajjeefamuun godaannisa bara baraa ta’e.
Weedduuwwan onnee namaa madeessan….. geerarsaan mul’ata raage. Sagalee keessa namaa qirqirsu, sagalee Eebbisaa Addunyaati. Gootichi Oromoo abjuu dhugaa abjootee wayyaaneen nyaatame. Lubbuun kee boqonnaa bara baraa yaa dhandhamtu…., mul’atnii fi oolmaan kee ilmaan Oromoofi qeerroowwan ati dhiistee sokkiteen galma gaha.