Delo mena Kominikeshin Office

Delo mena Kominikeshin Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Delo mena Kominikeshin Office, Ethiopian restaurant, google, Addis Ababa.

03/10/2023

Irreechi waltajjii jaalalaafi tokkummaati
=====
Irreechi aadaadha, irreechi irree tokkummaati, Irreechi miidhaginaafi faaya Oromummaati, irreechi jaalalaafi nagaadha.

Irreechi duudhaa gabbataa hammattummaafi guddummaa Oromoo calaqqisiisuudha.

Irreechi Ayyaana saboonni, sablammoonniifi ummattoonni hundi jaalalaafi gammachuun garaagarummaa tokko malee irratti hirmaataniidha. Kunis obbolummaa, walitti dhufeenyaafi hariiroo ummattoota jidduu jiru jabeessuuf qooda olaanaa qaba.

Kanaafuu, ayyaanni biyya keenyarra darbee qabeenya addunyaa ta'e kun karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qaamonni hawaasaa hundi gaheesaanii bahuu qabu.

Kominikeeshinii godina Baalee

Fayyummaa fi bareedinna GOGAA keenyaaf:****************************Kunuunsi gogaa keenyaaf goonu dhukkuboota gogaa garag...
14/11/2022

Fayyummaa fi bareedinna
GOGAA keenyaaf:
****************************
Kunuunsi gogaa keenyaaf goonu dhukkuboota gogaa garagaraafi umrii wojji dafee dulloomuu gogaa irraa nu ittisa. Wontoota ykn kunuunsa armaan gadii kana gochuun fayyummaa gogaatiif barbaachisaadha:

---
■ Ifa ykn caarallaa aduu irraa of eeguu. Yeroo dheeraaf deddeebiin ifa aduutiif haalaa ol saaxilamuun akka gogaan caccaba (wrinkles) godhatu, akka dulloomu ykn mallattoo jaarummaa qabaatuufi carraa kaansarii gogaatiif saaxilamuu dabala. Kanaaf yoo aduu keessa deemnu ykn hojjannu dibata ittisa aduu (sunscreen sa'aa lama lamaan) dibachuu. Yeroo ifni aduu hammaatu (ganama sa'aa 4 hanga saafaya sa'aa 10) carrallaa ykn ifa aduu jiru irraa of qusadhaa.

---
■ Sigaaraa ykn Tamboo hin xuuxinaa.
Tamboo ykn sigaaraa xuuxuun gogaan keenna akka dulloomu taasisa, akkasumas cacabni gogaa (wrinkles) akka uumamu gumaacha. Tamboo xuuxuun ujummoo dhiigaa xixiqqoo gogaa alaa irra jiran dhiphisa, kunis hamma dhiigaa googaan argachuu qabu hir’isuun gogaan akka haphatu (ykn daalatu) taasisa. Akkasumas oksijiinii fi soorata fayyaa gogaatiif barbaachisoo ta’an gogaa bira haala gahaa ta'een akka hin geenye godha.

Kana malees, tamboo xuuxuun carraa kaansarii gogaa (squamous cell carcinoma) jedhamuun qabamuu dabala. Kanaaf Tamboo/sigaaraa xuuxuu dhabuun fayyuummaa gogaafi qamoota keenya kan biroo hundaaf daran barbaachisaadha.

---
■ Qulqullina gogaa irratti of eeggannoo gochuu. Guyya guyyaan qaama dhiqachuun, bishaan holataan yeroo dheeraaf dhiqachaa turuun qibaatii/jiidhinsi gogaa keenyaa hirdhisa. Kanaaf bishaan tiqqoma hoo'een, yeroo gabaabaaf guyyoota muraasa muraasaan dhiqachuun filatamaadha.
Akkasumallee erga dhiqannee booda yoo qaama keenya woyaan gogsinuu guutumatti gogaa keenya gossuu otoo hin ta'in jidhinsaa murasa akka qabaatu gochuu. Yeroo rifeensa gogaa kamuu haaddanu dibata itti dibuun suuta haaddachuu. Dibata harawa kan gogaa keenyaaf fayyadamnu kamuu gorsa ogeessa fayyaa malee fayyadamuu irraa of qusachuu.

---
■ Nyaata fayya qabeessa nyaachuu
Nyaanni fayya qabeessa ta’e gogaan keenya bareedee akka mul’attuu fi miirri gaariin akka nutti dhaga’amuuf nu gargaaruu danda’a. Fuduraalee, kuduraalee, midhaan guutuu fi akkasuma qurxummii fa'a nyaachuu. Bishaan baay'ee dhuguun gogaan keenya akka hin goggogne gargaara.

---
■ Dhiphinnaa, Cinqaa to'achuu fi Hirriba gahaa argachuu:
Garmalee dhiphachuun, muukayuun, ykn cinqamuun gogaan keenya haala salphaa ta'een dhukkuboota gogaa garagaraatiif akka saaxilamu godha. Akka finniisni namatti bahuufi ka jiru akka hammatu gochuus danda'a.
Hirriba gahaa (sa'aa torba guyyatti) rafuun fayyummaa gogaa kenyaaf hedduu barbaachisaadha.
Kanaaf dhiphinnaf cinqaa of irraa hirdhisuufi hirriba gahaa rafuun fayyaa googaa qofaaf otoo hin taane akkasuma fayyaa guutuu qamaaf barbaachisaadha.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Dalloo mannaa.

Baalee Dalloo Mannaa.Muddee 18/2014 -Maanuwaalii  Sirna Madaalii Raawwii maneen Hojii mootummaa irraatti leenjiin kename...
27/12/2021

Baalee Dalloo Mannaa.

Muddee 18/2014 -Maanuwaalii Sirna Madaalii Raawwii maneen Hojii mootummaa irraatti leenjiin kename.

Godina Baalee Aanaa Dalloo mannaatti Maanuwaalii Sirna Madaalii Maneen Hojii Mootummaa irraatti Leenjiin bifa xiyyeefanoo qabuun akka hojetamuuf kename.

Leenjichi Bifa xiyyefanaa fi Hubanaa qabuun akka hojetamuuf waltajicha irraatti argamuun Haasa kan Taasisaan I/A/Bulchiinsa Aanaa Obbo SeeyfaddiinAbduulhakiim turan.
Kaayyoo Manuwaalichaa fi Barbaachusumaa Maanuwaalichaa irraatti Dokumaantiin Qophaahe karaa Waajjira Bulchiinsa Aanaan dhihaatee jira.

Waxabajjii 28/2011Baalee Dalloo MannaaQONAAN BULTOONNI OMISHNI BARA KANAA HAALA GAARII IRRAA JIRAACHUU HIMAN.Bara kanaro...
05/07/2019

Waxabajjii 28/2011
Baalee Dalloo Mannaa
QONAAN BULTOONNI OMISHNI BARA KANAA HAALA GAARII IRRAA JIRAACHUU HIMAN.
Bara kanaroobni yeroo isaa egatee waan roobeef Oomishnii kenyaa daraan ni dabalaa jennee egana kan jedhan qonaan bultoonni aanaa keenyaa ,
Yeroo amaa kanaas omishinii gasa adda addaa oyiruu qonaan bultootaa keessatti haala gaariin tolee jiraachu ilaalee jira.
Akka ragaan Waajjira Horsiisee Bulaa Aanaa Dalloo manna irraa arganee ibsuutti qunaan bulaan Gorsaa Ogeeyii misoomaa irraa argatanitti akka fayyadamanii ,hojii isaani hojeechaa jiranis odeefannee jira.
Aanaan Dalloo Mannaa kan ittiin beekamtuu keessaa Oomishaa kaneen akka Buna ,Maangoo,,Boqqoolloo,Xaafii,Saalixaa,Maashoo,misiingaa, fi k.k.f omishuun beekamti.
Dabalataanis Horsiisaa loonii,Gaala fi re’ee horsiisuunis ni beekamti.

Address

Google
Addis Ababa

Telephone

+251911550923

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Delo mena Kominikeshin Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share