14/03/2024
Bu'aa Baalli Baarzaafi Qabu
Baarzaafiin yokan Baargamoon Muka Mana Qofaan Ijaaramu Miti Inni Fayyaa Ni ijaara
Namni Sihiriin itti godhame fi Jinniin Qaama isaa Keessa jirtu Daakuu Baala Baarzaafi irraa Qoppaa'e Zayitii Zayituunaa fi Zayitii Shazaaba Wajjin walitti Makee Halkan Hirriba Dura Qaama Guututti Dibata Ganama Bishaan Cereddaama Of Keessaa Qabuun Qaama isaa Dhiqita Guyyaa 7 Haala Kanaan Yoo itti Fayyadame Fedha Rabbiitiin Guutummaan Guutuutti Fayya
Namni Miilli isaa yeroo Gaammaa Godhatu Dafaquu fi Ajaa'u Daakuu Baala Baarzaafi Bishaan Wajjin walitti Make Halkan Hirriba Dura Luka isaa Dhiqita Guyyaa 3 itti Fayyadami Bu'aa Ajaa'iba Argitaa
Mataa Bowwuu fi Utaalloo Qufaa Yaaluuf Daakuu Baala Baarzaafi Bishaan Wajjin Danfisii Aara yokan Hurkaa Bishaan isaa keessaa Ba'u Uladhu yokan Akka inni Fuunyankee keessa Sirriitti Seenu Godhi Daqiiqaa 5 Gidduutti Mataa Bowwuu Sababa Qorraaatiin Dhufu Sirraa Dhaaba Utaalloo fi Asmiin Si Ukkaamse yoo Jiraate Hurkaa Bishaan isaa keessaa Ba'u Afaanii fi Funyaaniin Uladhu Yeroo Gabaaba keessatti Sirraa Dhaaba
Qorannoo Bara 2015 Baarzaafi irratti Godhameen Daakuun isaa Zayitii Zayituunaa Wajjin walitti Makame yoo Mataatti Dibame Foroforrii Akka Gaariitti Balleessa Harri yeroo Malee Ba'u Rifeensa keessaa Dhabamsiisa Zayitiin isaa injiraan Rifeensa Keessaa Qulqulleessa Guddina Rifeensa Tolcha
Dhukkuboota Gogaa Kan Akka Hooqxo Cittoo Barillee Yokan Soonno Balleessuuf Baayyee Gaariidha
Daakuun isaa Dammaa Wajjin walitti Makame Madaa Fayyuu Didetti yoo Naqame Baakteeriyaa Madaa Keessaa Qulqulleesse Madaa Sana Dafee Fayyisa
Daakuun isaa Zayitii Zayituunaa Wajjin walitti yoo Makame Dhukkubbii fi Nyaata Miillaa Dhukkubbii jilbaa fi Riimootiizimi Dhukkubbii Dugdaa Dafee Namarraa Dhaaba
Zayitiin isaa Finniisaa fi Kiintaaroti
Dhukkubbii Gurraa Namarraa Dhaaba
ر:
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa