15/08/2023
Look this!abiy Ahmed Ali
እንደ ህዝብ ልዩነቶቻችንን አምነን ተቀብለን በብዙ ትውልዶች ዕድሜ በኁባሬ ተሣሥረን ኖረናል። በጋራ ስፌታችን ውስጥ መቻቻል አንዱ አስፈላጊ ሰበዝ ነው። እንደ አንድ ሕዝብ፣ የሀገራችንን መጥፋት የሚፈልጉ ሁሉ፣ የጥፋት ዕቅዳቸው ወኪል አድርገው እንዲወስዱን ልንፈቅድ አይገባም። በአንዳንድ ማኅበረሰቦች ውስጥ እንዲሆን የምንፈቅድለት ክፋት ከእርስ በርስ ተዛምዷችን ጋር ካለው ቅርበት ይልቅ ለሌሎች የጥፋት ወኪሎች መጠቀሚያ የሚሆን ነው። በማኅበረሰባችን ውስጥ የአስተዋዮችን ልቡና እንፈልግ እና ልዩነቶችን ከማጉላት ይልቅ ለማቀራረብ እንሥራ። የምንጋራው ሰብአዊነት ይህንን እንድናደርግ ያስገድደናል። ማንንም ለማጥፋት ኢትዮጵያ ውስጥ የሚደረግ ጥቃት በሁላችን ላይ የሚደረግ ነው። አጥፊውን አውግዘን ከተጠቂው ጋር እንቆማለን እንጂ ጥፋቱን በሌላ ጥፋት ለማባባስ መሞከር የለብንም። ከኢትዮጵያ ሰላም እንጂ ከኢትዮጵያ ሑከት ማናችንም አናተርፍም።
Akka sabaatti garaagarummaa keenya amannee fudhannee umurii dhaloota hedduuf danummaadhaan walitti hidhannee jiraanneerra. Hodhaa keenya waloo keessaa waldanda'uun sutaa barbaachisaa tokkodha. Akka saba tokkootti baduu keenya kan barbaadan hundi, bakka bu'aa karoora badiisaanii godhani akka nufudhatan heeyyamuu hin qabnu. Hamminni hawaasota tokko tokko keessatti akka ta'u heeyysmnu walittidhiheenya firummaa nuti qabnurra bakka buutota badii warra ta'aniif kan meeshaa ta'udha. Hawaasa keenya keessaa qalbii warra hubattootaa haa barbaannu. Garaagarummaa caalaatti agarsiisuurra walittidhiheessuuf haa hojjennu. Namummaan qooddannu akka kana goonu nudirqisiisa. Itoophiyaa keessatti haleellaan eeynuunuu balleessuuf godhamu hunda keenya irratti kan godhamudha. Kan balleesse balaaleffannee kan hubame waliin dhaabanna malee badicha badii kanbiraatiin itti caalchisuuf yaaluun nurra hin jiru. Nagaa Itoophiyaarraa malee hookkora Itoophiyaarraa eenyuu keenyayyuu hin buufannu.