06/10/2024
"As Finfinneetti miti kirkirri lafaa kan uumame. Dambalichi lafa jalaa imalee as ga’e malee kirkirri kan mudate Awaash*tti yommuu ta’u Rekter Iskeeliidhaa 4.9 ta’a" - Dr. Eliyaas Leewii
Yuunivarsiitii Finfinneetti Daarektarri Ji'oo Fiiziksii fi Saayinsii Hawaa Doktar Eliyaas Leewii Televijiinii biyyalessaaf ibsa kennaniin
"Akka odeeffannoo hanga ammaatti argameen kirkirri lafaa kun kan mudate as Finfinneetti osoo hin taane, Awaash*tti.
Garuu lafa jala deemee as Finfinneefi bakka adda addaatti dhagahamee gamoo raase.
Iskeelii Riiktarii 4.9 kan ta’u kirkirri Awaash*tti mudate kun gaara Fantallee jedhamurraa hanga naannoo Matahataatti kan dheeratudha.Odeeffannoon hanga ammaa jiru kana fakkaata.
Ummanni tasgabbaa'uu qaba. Sirriidha, dhaga'amuu danda'a garuu dhiheenyatti miti
Odeeffannoo dabalataa akkuma arganneen isin beeksifna. “ Jedhan.
Kirkirri lafaa kun Itoophiyaa bakkoota garaa garaatti dhaga’amaa akka jiru jiraattoonni miidiyaa
tti himaa jiru.