31/10/2024
Fahmi qabeessa namaa
Rabbi afaan mi’eessee,
Qalbii miiliyoonotaa
Dubbii isaaniin si’eesse.
Bakkalcha bahaa ifu
Abbaa Hawaasa bal’aa
Sheeka duree sheekkotaa
Sirreessaa nama jal’aa
Hayyuu diinii islaamaa
Miidhagaa keessaaf alaa
Gameessa gorsi isaanii
Har’aa fi boriif galaa.
Gumaata warra Harargee
Bashaasha hogguu seequ
Biraan galu kan arge
Jaalalaan qabuu beeku.
Damee Haj. Aadam Tuulaa
Gaaddisa hundee gaarii
Maanguddoo jaarsa biyyaa
Qaroo hin qabne daarii...
'Sin qabaachuun badhaasa
Nuuf Alhamdulillaa
Wollaalli isin hin beektu
Yaa sh/muussaa su'aalaa
Xiqqoon guddaa xiqqeessuuf
Sagal kaatee gad-teessu,
Gamna rog-dubbii beeku
Afaan goksuu'n dandeessuu..
Isin nuuf guca keenya
Laambaa dukkana moo’u,
Kan isin jibbee aaru
Boba’ee haa gubatu ~ fedhu hiita’ee haa dhoo’u.
Wollaalameeraaf male
Har’a gatiin ulamaa
Erga Rabbiitii jaraaf
Diinii ofiitiin bulamaa...
Baabaa sh/muussaa su'aalaa
Abbaa hawaasa muslimaa
Ammallee umrii dheeradhaa
Da’waa diinii nuuf dhaamaa
Turtii waggaa afuriitiin
Barsiisaa turee ulamaa
Eeybisaa sheekkotaatiif
Afeerraadhaaf nu yaama.